Asoosama Gabaabaa Dhungoo Kutaa 2ffaa
ASOOSAMA GABAABAA
💋DHUNGOO💋
KUTAA 2⃣ffaa
Muccittiin ilkaan cabbii reefu samii keessaa gadi darbame fakkaata,
rifeensi mataa ishee daabee leencaa walin tokko, nyaarri ijasheetii bissii
garbuurra heddummata. Diimtuu jechuuf diimtuu hangana diimattu
dagadhee mil‟adhee hin beeku. Dheertuu akka birbirsaa leemmanee
tokko. Qomeen isheen godhatte jilba hin darbu sarbaa ishee hagadaa
fakkaattu mul'isa. Mudhiin ishee qabaa hin guutu taaksii ani ittiin
imalaa jiru seente. Hunduu waan taa'u haa fakkaatu malee dhabbattee
ishee simate. Taa‟umsi ishee sararamee na doo‟adhu jedha, nyaarri
ijaashe ammoo waan harkaan bocame fakkaata.
Konkolaachisaan of cina kawwachu yaadee ture bakki garuu
qabamaadha. Ol seentee, teessoo nama lama qabatu ani irra taa'ee ture
cinakoo teesse. Urgooftuun isheen qaamatti naqatteettu Konkolaataa
ittiin imalaa jirru sana keessaafi duubashee urgeesse; qaamakoo
hundaatu hurgufame. “Dubbisu, lakki dhiisi! kun siif hin maltu,” nan
jedha miirrikoo. Takkaammoo, “Maal abbashee ati dhiira mitii,” jetti
onneenkos, osooman akkanaan kessakootti haasa'uu daandii qixxee
taasifne. Ofcinatti yoon ija hatee ilaalu isheenis na ilaalaa jirti, ijji
lamaan keenyaa wal irra bu'e. Lapheenkoo akkan waan tabbatti fiigeetti
na dhahate akka gagaa baqe! Yaa guyyaa har'aa maal natti qabattee
dhufte jedheen boquu gadi qabadhe.... itti fufa
🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 🇦 !!!
yaadni keessan bayyee na fayyadha kanaafuu yaada qabda nuun gahuu dandessu
worri nan gahaa jirtanis
galatoomaa!!!